Jiituu Press
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Jiituu Press, Health/Beauty, Oromia, Sululta.
04/10/2026
Kabajamoo Ustaaz Raayyaa Abbaa Mancaa, nama dubbiin galeef, hayyuu gameessa namaa. Rabbiin nama akka keeti kana nu keessa haa tursiisu. Umrii dheertuu siif hawwina.
03/10/2026
💥 vacation time 🇪🇹 💥
💘💘💘
03/10/2026
! 🚨
====
Miseensa Koree Giddugaleessaa fi aanga'aa olaanaa TPLF kan turan Obbo Alam Gebrewahid Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaatti harka kennachuun isaanii mirkanaa'eera. Murteen isaanii kun kan jajamudha.
Hoogganoonni TPLF hafanis akkuma kana Raayyaa Ittisa Biyyaa goota keenyatti harka kennachuun, garbummaa Sha'abiyaa jalaa of baasuu qabu!
15/08/2026
Dhiira gaarii jechuun nama qabeenya qabu ykn bareedina fuula qabuu miti nama gatii dubrtii beekudha 🤍🖤🤎❣️🫀
12/08/2026
Finfine, The Capital city of Ethiopia 🇪🇹
09/08/2026
!
= = = = = = = = = = = = = = = = = = = = =
Maddi qabsoo keenyaa inni ijoon;
• Abbummaa Finfinnee,
• Mirga Afaan Oromoo,
• Abbaa biyyummaa,
• Walqixxummaafi sirna gita bittaa kuffisuun walabummaa fi bilisummaa biyya keenyaa mirkaneessuu, akkasumas ilaalcha biyyaalessaa ijaaruun biyya hundaan badhaate—hundaan, hundarraafi hundaaf bu'uureessuu irratti kan hundaa'eedha.
Hubachiisa: Kanaaf, dhimmi Finfinnee dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti! Qaamni abbummaan Finfinnee kan Oromoo ta'uu mormu yoo jiraate, galaanaan liqimfamee hoomacha qabachuuf nama dhama'udha. Kalas!
Kan ofii kiisii keessa qabatee jiruu, kan nama biraa keessaa jiru irratti murteessuufi waliin qooddachuuf yaaluun tasumaa hin danda'amu; ➡gonkummaa hin ta'u!
06/07/2026
Jaalalleewwan lama kan baay'ee wal jaallatantu wal arguuf kaaffee tokkotti wal beellaman.Wal arganiis erga xiqqoo taphatanii booda, jaalalleen ishee kun isheedhaaf kennaa haguugamaa tokko kenneefi. Isheenis kennaa sana bantee yeroo ilaaltu 'Ashaangulliitiidha'. Fuulli ishee jijjiiramee baay'ee aartees ashaangulliiticha darbattee gatte. Innis xiqqoo aaruun,suuta jedhee maaliif darbattee gatte jedhee ishee gaafate.isheenis aarii finiinsaa ani daa'imadha na seetemoo jettee isatti dheekkamte.isa loltee itti waccite.
Yeroo kana gurbaan kun aaruudhaan ashaangulliitii isheen darbattee gatte sana lafaa kaasuun fuuldura ishee kaa'ee dhiisee deeme.Haala nama gaddisiisuun deemee xiqqoo utuu hin fagaatin battala inni daandii qaxxaamuruuf jedhutti balaa konkolaataan lubbuun isaa dabarte. Yeroo awwaalcha isaas intalittiin ashaangulliitii sana qabattee boossi turte.Utuma boossuus hiriyaa ishee sababa ashaangulliitii sanaaf dhabuu ishee yeroo yaadattu ashaangulliiticha walitti qabdee yeroo cafallaqxu ashaangulliitittiin sagalee 'will you marry me?' (natti heerumtaa) jedhu dhageessiste. Intalittiin yeroo sana of to'achuu dadhabdee lafa dhooftee gangalachuun bo'aa ashaangulliiticha gaafa darbattu ammas, qubeelaa lamaafi barreefamni xiqqoon tokko keessaa bu'e.Barreefamichis akkas kan jedhu ture."Jireenyi waan harkakee keessa jiruudha.erga si harkaa fudhatamee deebitee hawwuun dura, yoom illee taanaan waan of harkaa qabdu jaalladhu jabeeffadhu" jedha ture.waan hundaafuu ariifatuun gaarii miti! Kanan dubbise irraa Keessattuu an baayyeen jarjara ofan beeka.
Yaa Rabbii obsa kee nattin qusatin mee😢 waliif qooduu hin dagatinaa Obseeraa.
12/05/2026
👉Walaloo sirba keessaa 🎶 🎵 🎶
"Kan ittuu Badhaanee
Sabbanni dhoofsisa
Namni qixxee ofii
Damma yaa Jigaakoo
Maa nama doorsisaa?"
____________________
Roobe roobe roobee..
Sokorruun fixeensa
Gadi nama-n dhiisu
Damma yaa jigaakoo
Alagaan bineensa
Ijoollee warra Galaan
Korommii Gullallee
Ilmaan Tuulamtichaa
Kan walakkaa Baalee
Hora Finfinneerraa
Kan hiddaa-n buqqaane
Har'as sin simannaa
Yoom goomattuu taanee...
Gurri aaga-n dhageenye
Ijji gaariin mil'atu
Si-n taajjabe yaa gurbaa
Kan mataa kana baattu
Kan sammuu kana baattu...
--------------------------
Yaa goota koo
Qulqulluun qabne booruu
Gadadoo cabsee
Kan Gadaan biyya ijaaru...
--------------------------
🎻Yaa goota koo
Diinni kee diina kootii
🎻Yaa Oromoo koo
Firri kees fira kootii
🎻Yaa goota koo
Hayyuuf beekaa-n badhaate
🎻Yaa Oromoo koo
Kanaaf bakkalcha taate"
-------------------------
'Asham yaa gurbee
Gurbee warra Galaani
Didde lakki jennaanii
(Didde wacci jarreeni ) ...×2
---------------------------
Biyya ijaarree ni komattaaree
Itti cabnee irratti daarree.
Warra ulfoo ulfina beeku
Isa dursee kan dhufu beeku
------------------------------
Kan komatamutu komataaree
Dhiisi dubbii warra kasaaree
Ofirraa dhowwina gamtaanii
Karra ofii-n kennu abbaanii"
-----------------------------
"Dagalee muri murii kuusi
Wadaroon fooyee fooyee kuusa
Utubaa biyya maraa baatu
Utubaa Ardii Afrikaa baatu
Nan dhabe saba si fakkaatu
Kan si jibbu jibbi minaabbatu"
"Eshererere rerere
Hin qolanna yaa ijoollee...
"Leellisi Gadaan keetii
Yaabbadhu abbaa Daalee
Eeggadhu biyyuu keetii
Duras sumatu ijaaree...👇
??🇹🇪🇹🇪🇹??🇹
07/05/2026
Ummata Iluu Abba Boor Ummata Jaalalaa Ummata Shanyii Gootaa Baga Guyyaa Kabaja Ayyaana Saambeetiin Isin Ga.e 🙏❤️❤️❤️
09/04/2026
Eenyutu barreeffama armaan gadii sirreessee qubeessuu danda'a? Gara .... 👇
Category
Website
Address
Oromia
Sululta
Alerts
Be the first to know and let us send you an email when Jiituu Press posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.